EPISODE · Aug 28, 2023 · 11 MIN
Voice Referendum: What is it and why is Australia having one? - Sagalee Referendemii: Maal inni Awustraaliyaan maaliif qabaachuu qabdi?
from SBS Afaan Oromoo
Australians will vote in the Indigenous Voice to Parliament referendum on October 14. Here’s what you need to know about the process, including why it’s taking place, and the information that communities can expect to help guide their decisions at the polls. - Ummatni Aboriginal fi Torres Strait Islander Heera Australia keessatti beekamtii akka hin qabne beektuu? Mootummaan Federaalaa Sagalee Warra Abbaa Dachee (Indigenous) Parlamaa keessatti dabaluuf Australiayanotni akka murteessaniif referendamii yaame. Kanaaf, Referendumiin maal? Eenyutu filuuf Australia keessatti seerri hayyamaaf, Sagaleen Paarlamaa keessatti maalfaa dalaga? Bal’inaan caqasuu dandeessu. Seenaa keessatti, Australiyaanota Heera wayyeessuuf amansiisuun salphaa hin turre. Ega Federationa bara 1901 as, yaadota jijjiirraaf dhihaatan 44 keessaa 8 qofatu milkkaawe. Dhimmoota Abbootii Dachee (Indigenous) irratti referendum inni gara booda kanaa bara 1967 gaggeessame. Australiayanotni Jalqabaa (First Australians) Seera Commonwealth jalatti akka Australiayanotaatti beekamtii argatanii kanaafis lakoysa biyyichaa (census) keessatti dabalaman. Egaa Filmaata keessatti Sagalee kennuuf galmooftee jirta yoo tahe, referendumii kana irrattis Sagalee kennuuf seerri siif hayyama. Kana jechuun lamiileen biyyattii filuuf galmeessaman referendum kana Sagalee kennatuun dirqama.
Embed this episode
Ready to play
Voice Referendum: What is it and why is Australia having one? - Sagalee Referendemii: Maal inni Awustraaliyaan maaliif qabaachuu qabdi?
No transcript for this episode yet
Similar Episodes
No similar episodes found.