PODCAST · society
ILMAORMAA
by Ilmaormaa
Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !Ashamaa!! Baga Nagaan Dhuftan!As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina. Dhihaadhaa!!Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)
-
297
Ep. 301 Seenaa Keniyaat Ajeefamuu, Hidhamuufi Darbamu Hogganoota Oromo - J. Adam Kabira | Kutaa 2ffaa| 19 Jun 2026
Kurfii lamaffaa kana gubbaatti Jaal Adam Kabiiraan gama biyya Saa'udiyaatti erga taakke kaasee, achirraa Somaleetti, Somaleerraa gama Keniyaa keessatti haala keessa qaxxaamure yaadata. Biyyoota kana keessatti waan isa mudate, qabsaawoota waliin ture, haala qabsaawootni keessa turan, jireenya hawaasa Oromofi seenaa guguddoo takka-takkaan nuun qooddata.Dhihaadhaa!!
-
296
Ep. 300 Oromoon "Eessaa Kaanee, As Geenye? " Seenaa J. Adam Kabira Wajjin | Kutaa 1 | 13 Jun 2026
Kurfii duraa kana gubbaatti, Jaal Adam Kabiiraan gaaffii "Oromoon Eessaa Ka'anii As-gahan?" gaaffii jattuu deebisuuf, jiruu-jireenya ummmata Oromo ganda itti dhalateerraa eegalee, sochii qonnaan bultoota bara mootumaa DARGUfii achiin duubas taateewwan qabsoofi qabsaawoota biyya Somalee keessatti mudatan nuun qooddata.Dhihaadhaa!
-
295
Ep. 299 Sirni Sab-daneessaa Waggaa Shanan As-Deemu Keessatti Qormaata Jabaaf Saaxilamuu Hinoolu |
Qophii kana gubbaatti,Filmaata PPn qopheessiteef jaarmayaalee fi namoota dhuunfaan naannoo Oromiyaa, Dire Dawaafi Shaggar keessatti dorgomoof deeman irraa odeeffanna. PPn waggaa shanan as-deeman keessatti kaayyoo isii bakkaan gahuuf waan isiin dalaguuf jiraatturraa gabaabsaan eerra.Dhihaadhaa!!
-
294
Ep. 298 Dooqaafi Looti Abbootiin Qoroo Afriikaa Mararfattu Guureefii Dhaqee Naayiroobitti Wolargan | 15 May 2026
Qophii kana gubbaatti;Jilli mootummaa Itoophiyaa Ziyaaraaf Ameerikaa dhaqan,Mormitootni Mootummaa Itoophiyaa hagoon "Port Sudan"itti walargan,UN waajjira Naayiroobi qabdu babbalisaa jirti,Faransaa Matootii Afrikaanoota Naayiroobitti walitti rarte,Gurmuuleen mirga dhala namaaf falman kan biyya Ingiliiziifi Ameerikaa, warra Abu Dhabiirraati qiyyaafannoo isaanii jabeessan gabaasaalee jadhaniifi qabxiilee kanaa waliin hidhata qaban kabiraarraa yaada dhuunfaa waliin qooddanna.Dhihaadhaa!!
-
293
Ep. 297 Mirgoota Goonfachuun, Mirgootni Goonfataman Bubbulee Shasharafamuufi Sarbamuunis Numa Jira | 9 May 2026
Qophii gabaabdu kana keessatti waahee mirgaafi mirga goonfatan dhabuu seettii waliin qooddanna.Dhihaadhaa
-
292
Ep. 296 Imaraatiin "Humna Ajjeechaa Qaxaruun Bobbaastee" Mana Murtii Ameerikaatti Hiimatamte | 2 May 2026
Qophii kana keessatti,Qooda mootummaan Imaraatii dantaa warra Masrii, Libiyaafi Yamanii keessa seenuun hameenya dalagde jadhamee hamatamtuu:humna waraana dhuunfa warri Imaraatiin kafaltiin bobbaasuun hogganoota siyaasaafi amantii Yaman keessatti ajjeesiisaa turuun himannaan manneen murtii Ameerikaa keessatti itti dhihaate,Dhalootaaa Palastiin fi hoggana isaani kan ture booda garuu warri Imaraatii hojii siyaasaa gara-garaatti bobbaasaan jadhamee kan shakkamurraa gabaabsa fi wkf hedduu!Dhihaadhaa!
-
291
Ep. 295 PP-ኢሕአዲግ Bara-Aangoorra Turtu Dheeraffachuuf Fakkeessii-Filmaataa Qopheeffatte | 25 Apr 2026
Kurfii kana gubbaatti, filmaata bara June 2026 Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamuuf deemurraa qooda fudhachuuf dhaabbilee Siyaasaa hiriira galaniifi waahee mirgaarraa yaada gaggabaabaa.Dhihaadhaa!
-
290
Ep. 294 Ameerikaan Miiza Marii Gubbaattis Warra Iiraan Jilbeenfachiisu Dadhabdee Adda Galan | 12 Apr 2026
Mariin Ameerikaa-Iiraan Jidduu Islamabaditti gaggeefamaa ture hongahe.Dhihaadhaa!
-
289
Ep.293 Iiraan Warra Ameerika, Israa'eel, Imaraati, Sa'udiyaafi Kuweet Irra Aante Fakkaata - AMMAAF | 8 Apr 2026
Qophii gabaabdu kana keessatti lola Iiraan irratti gaggeefma tureefi araara torban lamaaf godhamterran isniif gabaasa.Dhihaadhaa!
-
288
Ep. 292 Warri Ameerikaa, Lola Amantii(Faith War) Gaggeessaa Jirraa, Masaraa Keessaa Lallaban | 5 Apr 2026
Qophii kana keessatti:Warri " Evangelical" Ameerikaa, masaraa mootummaa keessatti waraanni Ameerikaa Lola Amantii gaggeesaa akka jiruufi Presidaant Trump fakkii Yesu Kirstoos tahuu lallaban,Lammiin Shiinaa Warri Iiraan Xayyaara lolaa kan Amerikaafi Israa'el mala itti dhahuu dandahan akeekan,Presidaantiin Faransaay "Irreen biyya namaa weeraruun furmaata" hinfidu jadha,Warri UK, gurmuu mootummoota Hormuziin banuuf fedhii qaban ijaaruuf yaalii godhaa jiran . Gabaasa kanneeniifii kabiraa ijoo tahan isiniif kurfeesseen jira.Dhihaadhaa!
-
287
Ep. 291 "Muummeen Kaayyoo Keenyaa, Wol-dhaqiinsa" Jadhu Warri Lola Eegale. Eenyutu Dhugeeffataan? | 1 Apr 2026
Qophii kana gubbaat,Taateewwan ijoo guyyoota muraasa dabran keessatti aduunyaafi Gaanfa Afrikaa keessatti mumullatan irraa waliin qooddanna.Dhihaadhaa!!
-
286
Ep.290 Ameerikaa-Isra'eel Araba Wojjin Gamtaan Itti Duulanii Cabsuu Dadhabanii - Ammaaf? | 28 Mar 2026
Kurfii kana gubbaatti:Lolaafi olola Ameerikaa-Israael biyya Iiraan irratti ofaa jiran,Haal-Duree araaraaf Iiraan qopheessite,Hormuuz keessa hulluuquu warra fedhuuf sirna Iiraan labsite,Iyyannaa waajjira mirga dhala namaatti (UNHRC) Iiraan kaleeffatte,Ibsa Jarmayaa ABO-WBO Biyya Alaa baase,Waladhabbi warra Somaalee jidduu deemaa jiruufi odeessa ijoo tahan kanneen biraas isinii qopheessen jira.Dhihaadhaa!
-
285
Ep .289 Olola Mootummaan Haayila Silaasee, Mootummaa Musliimoota Jimmaa Diiguuf Ofaa Ture keessaa | 25 Mar 2026
Qophii gabaabduu kana keessatti, Gaazeexaa "Birhaaninnaa Selaam" gubbaatti bara 1932 keessatti ololla mootummaa Jimmaa diiguufu oofama turte irraa haga tokko wolyayyaadachiifna.Dhihaadhaa!
-
284
Ep. 288 Mootiin Itoophiyaa "Duula Hormuuz Bansiisuuf Humna Bahaaraafi Komaandoo Erguuf Qophii"Jadhe | 22 Mar 2026
Qophii kana keessatti; Kuubaafi rakkoo keessa jirtu,Torban kana Lola Ameerikaa-Israael Iiraan irraatti gaggeessaa jiran irraa odeessa ijoo,Warri Baido'a(South West Somalia) mootummaa Moqaadishoorraa of kutuusaani,Humni Waraanaa Faransaayi Keeniyaa seenuusaatifi gabaasa biroo kana fakkaatan kanbiraas gabaabsaan.Dhihaadhaa!
-
283
Ep. 287 Intalaa Hiikaa Takbiiraa(Allahu Akbar !Jachuun) Himaa Jiruu, Duubaan Boombiini Dhuka'e | 14 Mar 2026
Kurfii gabaabdu kana gubbaatti: lola aduunyaa amma gaggeefamaa jirurfiFilmaata 7ffaa Itoophiyaan gaggeessuuf deemturraa yaada gabaabdu.Dhihaadhaa!
-
282
Ep. 286 Hiriirri Siyaasaafi Amantii Walitti Makamaa Jira Fakkaata | 7 Mar 2026
Qophii kana keessatti taateewwan torban kana mullatan keessaa warra ijoo tahan irraa wolyayyaadachiifna.Dhihaadhaa!
-
281
Ep. 285 Haga Sirni Haaraa Dhaabbatutti Wolbarabadeessurraa Aduunyaan Kan Walqusattu Hinfakkaattu | 28 Feb 2026
Qophii kana keessatti:Lola Ameerikaa-Israa'eel Iiraan irratti eegalan,Somaleen Xayyaara (Jeetti) Lolaa bitachuuf Pakistaaniin woliigalate,Israeel warri "Sufi-Axis" namarsee jira, anis "Hexagon-Axis " ijaarrachuun qabaa,Mootummaan Xoobiyaa "jaallatame-jibbamee, nutti cufame hinjiraannu" dhaadachuun lola labsite,Kanaaf kan biraallee isiniif qopheesseen jira.Dhihaadhaa!
-
280
Ep. 284 Warri Dhihaa Bifa Haaraan Aduunyaa Koloneeffachuuf Waltajjiit Ol-bahee Wal-waammate | 21 Feb 2026
Kurfii kana keessatti,Waan "Munich Security Conference" gubbaatti dubbatame keessaa haga nulaallatu,Yakka daguuggii-shanyii ummata Darfur irratti raawwatameefi raawwatama jiru,Turkiyyeen Bahaara Somaaliyaa keessaa gaazaa baafachuu jalqabuu,Presidaantiin Somaliland duraanii yaada woligaltee godhamerratti dhiheessanWaan Senatorri Ameerika L. Graham waahee ummata Gaazaarraa dubbate,Ameerikaa ollaa Iraan keessatti human waraanaa kuufaa jirtu,Lola Itophiyaafi Eritiraa jidduu bu'uuf deemuufi dubbii jajjaboo kan biraa hedduu isiiniif qopheesseen jira.Dhihaadhaa!
-
279
Ep. 283 Maaltu Deemaa Ture? | 14 Feb 2026
Qophii kana gubbaat:Ziyaaraa warra Sa'uudi Arabiyaa gama Itoophiyaafi Eritiraa,Xalayaa mootummaan Itoophiyaa mootummaa Eritiraatti barreessite,Dubbiin Epstein, qaallicha Sulxaan Ahmed bin Sulayem (mataa DP World) Imaraatii ture aangoo ariisifte,Seenaa gabaabsaan kan warra ambi kaayyoo addaaf ol-kaasate ittiin fayyadamtee deebiste lafaan dhoofte namoota kan akka Adnan Kashogii ( Mount Kenya Safari Club), Agha Hasan Abedi( Bank of Credit & Commerce International), B.R. Shetty(NMC Health & Finablr) fi Sulxaan bin Sulayemfi gabaasaalee biraas isiniin qooddadha.Dhihaadhaa!
-
278
Ep. 282 Epstein "Kaayyoon Biraanuu Naggaa Shiftummaa Yoo Tahe Biran Jiraa"n Sun Maayyii Eessa Aante ? | 7 Feb 2026
Qophii kana keessatti waan torban kana mummull'atan irraa:Hariiroo Liibiyaafi Pakistaan,Woliigaltee Turkiyyee fi Masrii,Mootummaa Trump fi Afrikaa( Nigeeriyaa, Suudaan fi DRC),Kora Parlaamaa Itoophiyaa Ammaa kana kan Maayyeessaa,Hariiroo gartuu Epstein fi Kubaaniyaa Itoophiyaa "Icog Labs" jadhamu jiddu ture ,Epstein fi Biraanuu Naggaa,Kiswaa(Ka'aabaa) irraa muranii maaliif Epsteiniif badhaasani fi gabaasa kan biraa hedduu isiniin qooddadhaa.Marti dhihaadhaa!
-
277
Ep. 281 Maaliif Isra'eel-Arabni Rakkoo Dullattii Isaan Jidduu Jirtu Gama Gaanfa Afriikaatti Fidan? | 31 Jan 2026
Qophii kana keessatti taateewwan torban kana Gaanfa Afrikaa, biyyoota Arabaa, Kaanaadaafi Minnesoota keessatti mumull'atan gabaabsaan isiniin qooddanna!Dhihaadhaa
-
276
Ep. 280 Warri Gaanfa Afriikaa Gartuu Arabaa Lama Jalatti Adda-Qoodamee Daaraa Wolijjuuf Deemaa? | 24 Jan 2026
Qophii (24 Jan 2026) kana keessatti:Haala Gaanfa Afriikaafi Biyyoota Arabaa keessatti mull'ataa jiran,Waan "World Economic Forum" gubbaatti dubbatame keessa dubbii ijoo,Baqatoota Yahuudaa Awuroopaarra Gama Baha Biiftuu Afriikaa keessatti qubsiisuuf tattaaffi garagaraa godhamaa ture gabaabsaan fi odeessa gaggabaaboo ka biraallee isiniif kurfeesseen jira.Dhihaadhaa!
-
275
Ep. 279 Ambi Maal Walitti Dhaamaa Jira? | Kutaa 3ffaa | Breakneck: China's Quest to Engineer the Future | 21 Jan 2026
Kutaa 3ffaa fi kamaayyii kana keessatti kitaaba Dan Wang barreesse, "Breakneck: China's Quest to Engineer the Future" irraa gabaabsaan warra haga hardhaa hindubbisnee garuu dubbisuuf hawwii qabuuf irraan xiqqoo dubbadha.Aangaawonni Ameerika irra jireessi Abukaatoota. Kun bu'aa-rakkoo maal fide?Aangaawoonni Shiinaa irra jireessi Injiinaroota. Kunis bu'aa-rakkoo maal fidee? Dhihaadhaa!
-
274
Ep. 278 Warri Arabaa Gaanfa Afrikaa Jeeqaa Jirti Fakkaata | 17 January 2026)
Kurfii kana keessatti waan torban kana keessatti Gaanfa Afriika, Biyyoota Arabaafii Aduunyaa keessatti mumullatan keessaa warra faaydaa qabeessa irraa gabaabsaan dubbanna. Dhiihaadaa
-
273
Ep. 277 Kutaa 2ffaa| Ambi Maal Walitti Dhaamaa Jira? |AI Automation & War :The Rise of Military-Tech Complex | 14 Jan 2026
Kurfii kana keessatti kitaaba "AI, Automation, & War: The Rise of a military-tech complex" jattun gaggabaabsaan warra amma dura hindubbisneen walbarsiisa. Kitaaba kana keessatti:- Seenaa guddina teknoolojii jalqabaa kaasee haga AI amma jirutti,- seenaa hariiroo kubaaniyoota teknoologii fi dameelee waraanaa biyyaaleessaa, - tarsiimoo teknoologii mootummootni ittisa biyyaaf karoorfatan,- qoodni teknoloojiin "AI " jadhamtee beekamtu lola keessatti qabdu gurguddachaa adeemaa dhufusaatiifi kkf hedduutu argama.Dhihaadhaa!
-
272
Ep. 276 Sa'uudi Arabiyaan Warra Imaraatii Irreen Yamaan Keessaa Tumtee Ariite | 10 Jan 2026
Qophii gabaabduu kana keessatti:Mootummaan Saudi Arabiyaa humna Imaaraatii Yaman keessaa arihee baasuuAbbaan Irree aduunyaa qabeenya biyya ambaa dirree bahaatti kubaaniyaa biyya ofiitiif qooduuAduunyaa gama bulchiinsa Neo-royalism jallataa jiraatu isiif kkf waliin qooddanna.Dhihaadhaa!
-
271
Ep. 275 Ambi Maal Walitti Dhaamaa Jira? | Kutaa 1ffaa | The Importance of Being Educable A New Theory | 4 Jan 2026
Kutaa duraa kan bara 2026 kana keessatti kitaabaa Leslie Valiant barreesse, "The Importance of Being Educable : A New Theory of Human Uniqueness" jatturraa qabiyyee isii gaggabaabsaan warra dubbisuu fedhu hamlachiisuuf akka gargaaru dubbanna. Dhihaadhaa
-
270
Ep. 274 Qabsoo Mirgaaf Gaggeefamu Hogganuun Jiruu Dhaabbataa (profession) Tahuu Hinqabu | 5 Dec 2025
Qophii maayyyii kan bara 2025 kana keessatti:Ibsa KFOn waahee filmaata 2026 irratti baase,Waliigaltee gartuu FAANNOO fii Mootummaa Nannoo Amaaraa jidduu,Woyyaaneen akka humna siyaasaatti du'uu isii walitti himanii hirmii baafachuu,Haala Somaalee Minnesootaa keessaa,Waliigaltee Mootummaa Kongoofii Mootummaa Rwaandaa(Washington Accord),Abiyyii fii Badhaadhina,Qabsoon mirgaafii gaggeeffamuu fakkeessitootaan(performative) dhuunfamuu hinqabuu, fii yaadoota dhuunfaa kan biraas.Dhihaadhaa!
-
269
Ep. 273 Aduunyaa Shaffisaan Jijjiiramaa Jiruu Faana Kaachuuf Ijibbaata Gochuutu Irra Woyyinnaa? | 28 Nov 2025
Qophii kana keessatti haala jijjiirama aduunyaarratti mullataa jirurraatti hundaahuun siyaasaa Gaanfa Afrikaa yaada gabaabsaan.Dhihaadhaa!
-
268
Ep. 272 Xurree/Mala Haaraa Barbaaduutti Hagam Bobbaana? | 22 Nov 2025
Qophii kana keessatti.Waahee COP30Teknologiin weellee eegaluu,Murtii mootiin Ameerikaa lola Suudaan dhaabuuf fudhateAadaa waan haaraa tolchuufii jijjiirraa barabaaduu,Aduunyaan huubannoota-hiikaa-kabajaa ilmanamaaf qara qabaataa turte jijjiiraa deemaa jiraachu isiitiif yaada dhuunfaa kabiraaDhihaadhaa!
-
267
Ep. 271 Tohaannoo Abbootii Qabeenyaa Ormaa Jalatti Filmaatni Dantaa Eenyuu Tiksuuf Gaggeeffamaa? | 14 Nov 2025
Qophii kana keessatti,-Odeessa gara-garaa: Tanzaaniyaa, Suudaan Ugandaa, COP30,- Yaada dhuunfa filmaata 2026 gaggeefama jadhamee eegama jirurrattiDhihaadhaa!
-
266
Ep. 270 Biyya Tujaaroota Aduunyaan Weeraramaa Jirtu Keessatti Ummatni Akkamiin Ofdandamaa?
Kurfii kana keessatti:Waahee "filmaata" dharaa Tanzaaniyaa keessatti gaggeefame,Lola Suudaan keessatti deemaa jiru,Haala Biyyootiin Afriikaa Bahaa Biifu jiran Abbootii qabeenyaa alaatiin dhunfatamuu,Itiyoophiyaa keessatti sochii akkam jiraa yoo gaggeessan / bifa akkam jiraan yoo ijaaraman dhiibbaafii miidhaa abbootii qabeenyaa ofirraa xiqqeessaa, qabeenya isaaniirraa faydeeffachuun dandahama? Yaada dhuunfaa gaggabaabseen isiniin qooddadha.Dhihaadhaa!
-
265
Ep. 269 Biyya Jaarmayaaleen Siyaasaa Ummata Keessaa hinmaddinetti, Filmaata Maaliitu Gaggeeffama? | 31 Oct 2025
Qophii torbsn kanaa keessatti waahee jaarmayaa siyaasaa, jaarmayaa aadaa filmaataafi Autocracy irratti yaada dhuunfaa isiniin qooddadha.Dhihaadhaa!
-
264
Ep. 268 Warri Imaraatiis Afriikaa Qircaturratti Hirmaataa Jiran Moo Akkamii? | Kutaa 3 | 24 Oct 2025
Qissaa warra Imaraatii kurfii sadaffaafi ta maayyii kana keessatti bobbaa isaan gama Afriikaa biyya hedduu keessatti itti jiraniifi kitaabaa, "Anarchy" jadhamtu ka seenaa "British East India Company" irraa dubbatturaa waannin argadhe gabaabsaan yaada dhuunfaa kiyyaa waliin mammakeen isiniin qooddadha.Warri Caqasuu Feetan Dhihaadhaa!!
-
263
Ep. 267 Warri Imaraatii Yoom - Maaliif Dantaa Biyyoota Biraatti Harka Naquu Eegalte? | Kutaa 2 | 20 Oct 2025
Kurfii lammaffaa kana keessatti jijjiirma mootummaan Imaraatii bara 1971 irraa eegaltee keessa qaxxaamurte gabaasaan yaada/huubannoota dhuunfaa. Dhihaadhaa!
-
262
Ep. 266 Mootummaan Imaraatii Maaliif Gama Itoophiyaa Fuulleeffatte? | Kutaa 1 | 17 Oct 2025
Kurfii duraa kana keessatti waahee Warra Imaraatii yaada dhuunfaa gabaabsaan.Dhihaadhaa!
-
261
Ep. 265 Mootummaa Imaraatii Jalatti Dahatuun Mootummaa Itoophiyaa, Biyya Eessaan Dhaqaan? | 10 Oct 2025
Kurfii torban kanaa keessatti hariiroo Mootummaa Itoophiyaafi Mootummaa Imaraatii jidduu deemaa jirturratti yaadaafi seetti dhuunfaa isiniin qooddadha.Dhihaadhaa!
-
260
Ep. 264 Siyaasaa Dulloomee-Shamee Barri Itti Dabre "Shaabiyaa", "Woyyaanee"fi FAANNO Waliin Dhama'a
Kurfii kana keessatti:Waan siyaasaafi nageenya Gaanfa Afrikaa,Haala diinagdee fii Siyaasaa Xobiyaa,Bifa jiruu-jireenya ummata Xobiyaa,Sochii humna qawween aangoo qabachuuf abjuun fiigamuufi waan isaan fakkaataarratti yaada dhuunfaan isiniin qooddadha. Dhihaadhaa!
-
259
Ep.263 Siyaasaan Itiyophiyaa Akka Keniyaa Moo Halayyaa Somaliyaafi Suudaan(Kaabaafi Kibba) Of Darbanitti Qaariyaa Jira?
Kurfii Hardhaa kana keessatti:Haala naannoo Gaanfa Afrikaa fi naannoo ArabiyaaHaal biyyoota Nepal, Argentina fi Suudan Kibbaa keessatti mumullataa jiruufii,Hujii mishaa Abiy Ahmad Ali raawwataa jirurraa, Lammiin biyyaa akka namaatti kabajaa dhabuufi serri bakka dhabuuf kkf gabaabsaan yaada dhuunfaaDhihaadhaa!
-
258
Ep. 262 Oromoon Hidhaa Sammuu Cabsuun Seenaa Xobiyaafi Kan Gaanfa Afrikaas Qajeelfataa Jira
Qophii torban kanaa keessatti gabaasa gara-garagaraa aduunyaa keessatti mullateefii qabsoo haqaa kan mirgaafi seenaa dhugaaf gaggeefamurratti yaada kiyya gabaabsaan.Dhihaadhaa!
-
257
Ep. 261 Gaanfi Afrikaa Dachii Sanyyiin Ilmanamaa Cufti Irratti Walgahe, Garuu Marti Wolwaakkata
Siyaasaa kaluu tana deemaa jirtuufi seenaarratti yaada dhuunfaa gabaaduu.Dhihaadhaa !
-
256
Ep. 260 Ummatni Hiyyeessi Mirgas -Biyyas Hinqabu
Yaada dhuunfaa gabaabduu waan mirgaafi biyya fakkaatarrattiDhihaadhaa!
-
255
Ep. 259 Aduunyaa Shaffisaan Jijjiiramaa Jirtu Faana Kaatuun Yoo Dadhabame, Aduun Namatti Dhiiti
Teknoolojiin shaffisaan jijjiiramaa jira. Teknoologii waliinis hawaasni jijjiiramaa jira. Qabsoon haqaaf, mirgaafii wlaqixxummaaf gaggeefamtu ilma namaa hundaafi umamaaf dhaabbachuu qabdi. Sana gochuu hanqannaan aduun itti dhiiti.Dhihaadhaa!
-
254
Ep. 258 Injinaar Qorichoo, Hayyu Duree HTO, " Biyyi Sun Kufaatii Hamaatti Deemaa Jirti " | 1/1
Injinaar Qorichoo, Hayyu Duree HTOn, taateewwaan yaroo ammaan tana X0obiyaafi naannoo Gaanfa Afriikaa keessatti mumull'atan irratti yaadaafi yaaddoo qabu balli'inaan nuun qooddata.Dhihaadhaa!
-
253
Ep. 257 Korri "Kufaatii Abiyyiin Booda" Sirna Ijaaramurratti Marihate Karoora Akkam Jiraan Gadbahe?
Qophii kana keessatti waan murni tokko "kufaatii Abiyyiin booda" Irratti marihachuuf kora walwaame tureefi ibsa korri sun dabarserratti fi haala amma jirurratti yaada dhuunfaa gabaadu.Dhihaadhaa!
-
252
Ep. 256 "የኦሮሙማ መንግሥት - Mootummaa Oromo" Kan Jadhamee Hamatamufi Himamu Dhugoomsuuf Ragaan Jira?!
Waggoota torban dabran keessatti xurree heddurraa himannaan ተረኞች, ባለጊዜ, የኦሮሙማ መንግሥት, Oromoon masaraa seenee jiraa fi ka jiru mootummaa Oromooti jadhamee ballinaan hoggu himamu dhagahaa hardha geenye.Bara 2025 "mootummaa harkaa qaban" yookaan "mootummaa harkaa qabna" jachuun qoma dhiibanii dubbachuun kan dandahamu yoo warra furtuu diinagdee biyyaa bifa hedduun of- harkaatti galfatan adda baasanii beekan callaa. Kanaaf futuwwan diinagdee biyyaa yaroo ammaan kanatti Oromo moo warra biraati of-harkaa qaba? Furtuu diinagde dursanii of-harkatti galfachuun hegereef bu'aa maalii qabaa? Warra madda jajjabaa diinagdee ammayyaarraa moggaafamaniiho akkamiin miidhuuf jiraata? Dhihaadhaa!
-
251
Ep. 255 Mormituun ብልፅግና Ajandaa Diinagdee Dalagaa Heddummeessee Hiyyummaa Xiqqeessu Kam Harkaa Qabdi?
Barri 2025! Mormitootni mootummaa ብልፅግና aangoorraa buusaan ofiif biyya bulchuuf carraaqan sagantaa diinagde kan ብልፅግናn hordofaa jirtuun adda tahe maal qopheeffatani qabu?ብልፅግና aangoorraa darbanii mootummaa ofii ijaaruuf hagam qophii qabu? Moo akkuma barame gaaffii "bara achi geenye deebisnaa" kijiba dulloomte naanneessaa jiru?Hogguu mootummaan ብልፅግና kuftu warri biyya bulchuuf qophaahe eenyuufaa?Dhihaadhaa!
-
250
Ep. 254 Bara 2025 Keessatti Gartuun Oromoo Ertiraafi Woyyaaneen Woldhaqee Lola Yoo Seenuu Bu'aan Eenyuuf?
Ummatni gurraachi bara 2025 yoo waraana wolitti labse, eenyutu dhaqqabaan? Eenutu irraa faaydaa argachuuf jiraata? Oromoon bara kana Woyyaanee fii Shaabiyaaf tumsuun maal bu'aan isaa?
-
249
Ep. 253 Yesriba Abdulhalim Irraa Seenaa Maatii Al-Faqi Ahmed Umer fi Xariiqaa Tijjaaniyyaa | 1/1
Yesriba Abdulhalim Ahmed Umer seenaa Xariiqaa Tijjaaniyyaa(Ahmadiyyaa) fii seenaa maatii isaanirraa gabaabsaan nuunqooddattiDhihaadhaa
-
248
Ep. 252 Aangoorra Turuuf Nama Isa Tinn'isu Barbaada; Kaanis Nama Naannoosaa Amana - J. Ahmed | 2/2
Kurfii lammaffaafi tamaayyii tana gubbaatti, J Ahmed;Muudannoo hidhaa Dargu keessaaTaateewwaan bara Mootummaa CehumsaaTattaaffii ABOn biyyoota ollaafii biyyoota Arabaa keessatti qabsoo bilisummaa finiinsuuf gaggeessaa tureefi seenaa heddu kabiraa ballinaan nuunqooddatu.
We're indexing this podcast's transcripts for the first time — this can take a minute or two. We'll show results as soon as they're ready.
No matches for "" in this podcast's transcripts.
No topics indexed yet for this podcast.
Loading reviews...
ABOUT THIS SHOW
Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !Ashamaa!! Baga Nagaan Dhuftan!As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina. Dhihaadhaa!!Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)
HOSTED BY
Ilmaormaa
Loading similar podcasts...